Miseensonni ABO konyaa Magarsaa Barii tii fi hawaasni Oromoo kutaa British Kolombiyaa Guyyaa Yaadanno Gootota Oromoo sirna ho’aan Caamsaa 16, 2009 Magaalaa Burnaby keessatti kabajannee jirra. Walgahiin kun yaadannoo gootota wareegamaniin erga banamee booda faaruu Alaabaa itti aansuun sirna ho’aan itti fufe.
D/T Konyaa ABO Magarsaa Barii J. Guutuun hirmaattootaa fi kanneen qophii bareedaa akkanaa qopheessan galateefachuun jiddu jiddutti walaloo fi haasawni adda addaas godhamee jira.
Qophii kana irratti J. Odaa Xasee MGS fi GBJBA argamuun seenaa guyyaa goototaa fi haala qabatamaa yaroo amma qabsoon Oromoo irratti argamtu ilaalchisee ibsa bal’aa nuuf kennaniiru. Akkasumas Obbo Abduu Barruu kabaja guyyaa kanaatiif deggeersa qaban irratti hasawaa bal’aa godhanii jiru.
Wallistoonni Oromoo beekkamoon Artiist Maadii Jaabboon fi Artiist Jamaal Ibro faaruu fi walleelee adda addaatiin ayyaana kana ho’isanii jiru. Sirni ayyaana kanaa karaa sararaa Paltalk warra hirmaataniif suuraa fi sagaleen tamsa’eera.
Nutiis guyyaa seenaa qabessaa kana sababaa godhachuun eessa irraa kaanee eessa akka jirru of duuba deebi’uun xiinxallee hujiin konyaan kun hojjattee boonsaa tahullee bilisummaa Oromoof ammallee karaan dheeran fuula dura hafuu isaa waan beeynuuf dhaabaa keenyaa ABO fi WBO waan barbaachisuu hundaan yoomiyyuu daran bira dhaabaachuu fi dirqama dhaabni keenya yaroo yaroon dabarsuu hundaa fudhannee hujii irraa oolchuuf murteeffachuun, irbuu keenyaas irraa deebinee harayoomfannee jiraa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummati!
Konyaa ABO Magarsaa Barii